Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaatti dabalataan namoota 87 irratti vaayrasiin koroonaa argame

Finfinnee, Caamsaa 25, 2012 (FBC) – Qorannaa sa’aa 24 darbeetin namoota 87 irratti vaayrasiin koroonaa argamu Ministeerri Fayyaa beeksise.

Ministeerri Fayyaa FDRI akka beeksisetti sa’aa 24 darbe keessatti qorannaan laabraatoorii samuudaa 3932 hojjetameera.

Vaayrasichi namoota 87 argamuu mirkanaa’era.

Namoonni 28 seenaa imala biyya alaa qabu .

Namoonni 18 namoota vaayrasichaan qabamaniin tuttuqqaa qabu.

Namoonni 41 ammoo tuttuqqaas ta’e seenaa imala alaa kan hin qabnedha.

Namoonni 67 magaalaa Finfinneedhaa.

Namoonni 2 naannoo Tigiraay.

Namoonni 7 naannoo Amaaraa.

Namni 1 naannoo Hararii.

Namoonni 4 naannoo Somalee.

Namoonni 6 naannoo Oromiyaa ta’uu himameera.

Umuriin isaanii waggaa 10 hanga 70 ta’uu ministirri Ministeera Fayyaa FDRI Dooktar Liyaa Taaddasaan beeksisaniiru.

Namoonni hunduu lammiilee Ityoophiyati.

Waliigalaan Ityoophiyaatti namoonni vaayrasii koroonaatin qabaman 1344 ga’aniiru.

Haaluma kanaan Ityoophiyaatti namoonni vaayrasichaan lubbuu isaanii dhaban 14 ga’aniiru.

Namoonni haaraan 14 vaayrasicharra dandamataniiru.

Waliigalaan namnoonni 231 dandamataniiru.

Vaayrasichi Ityoophiyaatti argamuun ega ibsamee eegalee qorannaan samuudaa namoota 116,309 gaggeeffameera.

Sadarkaa naannoo oromiyaatti sa’aa 24 darbe keessatti qorannaan laabraatoorii samuudaa 284 hojjetameen namoota 6 irratti vaayrasichi argamuun mirkanaa’eera.

Namoonni lama iddoo tursiisa keessaa.

Namoonni 4 ammoo konkolaachiftoota daanga biyyaa qaxxamuranidha.

Hanga ammaatti akka naannoo Oromiyaatti namoonni vaayrasii koroonaatin qabaman 84 ga’aniiru.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.