Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaatti dameen guumruukii 17ffaan Asoosaatti baname

Finfinnee, Adoolessa 23, 2012 (FBC) – Ityoophiyaatti dameen guumruukii 17ffaan Asoosaatti baname.
 
Koomiishiniin Guumruukii Ityoophiyaa dameesaa 17ffaa magaalaa Asoosaatti baneera.
 
Waajjirichis bakka preezdaantiin naannoo Beenishaanguul Guumz obbo Ashaadlii Hasan, ministirri Ministeera Galiiwwanii obbo Laaqaa Ayyaaleew, koomiishinarri Koomiishinii Guumruuka Ityoophiyaa Dabalee Qaabataan argamanitti ifatti banameera.
 
Waajjirri kaleessa ifatti baname faayidaa biyyaa fi ummataa kabachiisuuf ni hojjeta jedhameera.
 
Ijaarsa waajjira damichaa abbaa darbii 8 fi mankuusaawwaniif dhagaan bu’uuraas kaa’ameera.
 
Koomiishinichi weerara vaayrasii koroonaa naannichaa ittisuuf zayita nyaataa, sukkaara, kophee fi uffatoota addaddaa tilmaama Birrii miiliyoona 37.1 qabu gumaachera.
 
 
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
 
 
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.