Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaatti dhibeewwan onneefi ujummoo dhiigaan giddugalaan guyyaatti namoonni 170 ni du’u jedhame

Finfinnee, Fulbaana 19, 2015 (FBC)- Ityoophiyaatti dhibeewwan onneefi ujummoo dhiigaan giddugalaan guyyaatti namoonni 170 kan du’an ta’uu Ministeerri Fayyaa beeksise.

Addunyaarraa namoota balaawwan garaagaraan lubbuun isaanii darbu keessaa 31% dhibee onneefi isaan walqabatuun kan du’an ta’uu ragaaleen lafa kaa’u.

Akka ragaa Dhaabbata Fayyaa Addunyaatti namoonni miiliyoonni 18 waggaa waggaan sababa dhibee onneen lubbuu isaanii dhabu.

Guyyaan onnee Addunyaa sadarkaa Ityoophiyaatti yeroo 7ffaaf akka addunyaatti ammoo yeroo 23ffaaf guyyaa har’aa kabajameera.

Sadarkaa addunyaatti sababoota du’aatii namootaa saffisiisan keessaa dhibeewwan onneen walqabatan sadarkaa olaanaarra kan jiran yoo ta’u, Ityoophiyaattis haalonni walfakkaataan mul’achaa dhufuu ibsameera.

Ityoophiyaatti dhibeewwan onneefi ujummoo dhiigaa sababa du’aatii namootaa warreen ijoo ta’aa jiraachuu Hoggantuun Waajjira Ministeera Fayyaa Dooktar Ruut Nigaatuu ibsaniiru.

Sababa dhibeewwan kanneeniin giddugaleessaan guyyatti namoonni 170 kan du’aaf kan saaxilaman  ta’uu ibsuu TOI gabaaseera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.