Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaatti guyyaa jalqabaa bara Faranjootaa 2020tti daa’imman kumni 8 fi 493 dhalatan

Finfinnee, Muddee 23, 2012 (FBC) – Ityoophiyaa keessatti guyyaa jalqabaa bara Faranjootaa 2020tti daa’imman kumni 8 fi 493 dhalachuu Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti Fandiin Daa’immanii(UNICEF) beeksiise.

Guyyaa jalqabaa bara Faranjootaa 2020tti addunyaa irratti daa’imman kumni dhibba 3 fi kumni 90 ol dhalachuu ibsameera.

Hindi, Chaayinaa fi Naajeeriyaan biyyoota daa’imman hedduun guyyaa kana keessatti dhalatan ta’uu Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti Fandiin Daa’immanii(UNICEF) beeksiisee jira.

Akka ragaan dhaabbatichaa mul’isutti Hinditti daa’imman kumni 67 fi 385, Chaayinaatti daa’imman kumni 46 fi 299, akkasuma Naajeeriiyaatti daa’imman kumni 26 fi 39 guyyaa jalqabaa bara Faranjootaa 2020 aduu tokkotti dhalachuu isaanii ibsameera.

Ityoophiyaattis guyyuma kana daa’immaan kumni 8 fi 493 sa’aa 24 keessatti dhalachuu isaanii ‘UNICEF’ ifoomsee jira.

Daa’imman dhalatanii fi haadholii kanneeniif kunuunsi addaa akka barbaachisu ibsameera.

Bara Faranjootaa 2018tti daa’imman miiliyoonni 2.5 dhibee ittifamuu danda’amuun dhalatanii baatii jalqabaa keessa sababa dhibeen du’uu isaanii dubbatameera.

Kanneen keessa % 33 guyyuma dhalatan sana du’uu isaanii ragaan ifoomee jira.

Haadholii hedduun deessiftuu aadaan waan da’aniif miidhaan ga’u ulfaataa ta’uu ibsameera.

Maddi :- Aljeeziiraa

 

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.