Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaatti hanga ammaatti namni dhibee maariyyee jaldeessaan qabame akka hinjirre ibsame

Finfinnee, Adoolessa 20, 2014 (FBC) – Ityoophiyaatti hanga ammaatti namni dhibee maariyyee jaldeessaan qabame akka hinjirre Inistiitiyuutiin Fayyaa Hawaasaa Ityoophiyaa beeksise.

Haala yeroo weerara dhibeewwanii ilaalchisuun Ministeerri Fayyaa fi Inistityuutiin Fayyaa Hawaasaa Ityophiyaa ibsa waloo miidiyaaleef kennaniiru.

Daayrektarri Olaanaa Inistitiyuutii Fayyaa Hawaasaa Ityoophiyaa Dooktar Masaay Haayiluu, hojiin ittisaa dhibee maariyyee jaldeessaa lammiilee biyya alaatii gara Ityoophiyaa dhufanii fi godaantota irratti, akkasumas, seensaa daangaa fi ba’iinsaa keellaa irratti hordoffiin taasifamaa jira jedhaniiru.

Haalaa ammee vaayirasii koronaa ilaalchisuunis akka ibsanitti, baatii Waxabajjii fi Adoolessaa, 2014tti qofa namoonni kuma 11 vaayirasichaan qabamuu fi namoonni 35 du’aaf saaxilamuu himaniiru.

Tatamsa’inni vaayirasichaa dabalaa jiraachuun, hawaasni daandiilee ittisaa hojiirraa akka oolchuu hubachiisaniiru.

Weerara dhibee busaa ilaalchisuunis Deetaan Ministiraa Ministeera Fayyaa Dooktar Darajjee Dhugumaa akka ibsanitti, tatamsa’inni dhibechaa bara 2013 caalaa bara 2014 dabaleera.

Baraa 2014 namoonni miiliyoona 1.3 dhibechaan qabamuu kan himan Dooktar Darajjeen, naannoolee Oromiyaa, Amaaraa, Kibbaa, Kibbaa-Lixaa Ityoophiyaa, fi Sidamaatti dhibechi bal’inaan kan mul’ateedha jedhaniiru.

Baatiiwwan lamaan darbanittis kiittiiwwan qorannoo miiliyoona 5.5, qorichi farraa busaa namoota miiliyoona 4.5 fi agoobarri miiliyoona 3 raabsamuu himaniiru.

Yeroo ammaas manneen miiliyoona 1.6 irratti hojiin biiffaa keemikaalaa gaggeeffamaa jiraachuu ibsan.

Talaalli gifiraa fi guyyaa boruu sadarkaa idil addunyaatti kan kabajamu guyyaa dhibee tiruu yookaan ‘Hepitaaytasii’ ilaalchisuun akka biyyattitti hojiileen hojjetamaa jiran ibsichaan eeramaniiru.

Zufaan Kaasahuuntu gabaase

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.