Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaatti hojjettoonni dhaabbilee fayyaa keessa hojjetan 65 vaayrasii koroonaan qabaman

Finfinnee, Caamsaa 26, 2012 (FBC) – Ityoophiyaatti hojjettoonni dhaabbilee fayyaa keessa hojjetan 65 vaayrasii koroonaan qabamuu Ministirri Ministeera Fayyaa Dooktar Liyaa Taaddasaan ibsaniiru.
 
Biyyattiitti hanga ammaatti ogeeyyiin fayyaa 49 fi hojjettoonni deeggarsaa 16 vaayrasii koroonaan qabamuu Dooktar Liyaan himaniiru.
 
Ogeeyyiin kunneen harki caaluu kanneen dhaabbilee fayyaa magaalaa Finfinnee keessatti hojjetan ta’uu dubbataniiru.
 
Dooktar Liyaan, ogeeyyii fayyaa fi hojjettoota dhaabbilee fayyaa wareegama kaffalaa jiran galateeffaniiru.
 
Mootummaan saaxilamummaa hojjetoota dhaabbilee fayyaa hir’isuuf hojii hojjetu cinaatti hawaasnis dhibicharraa of eeguun dhiibbaa ogeeyyirra ga’u hir’suu akka qaban gaafataniiru.
 
Keessattuu weerara vaayrasii koroonaa ittisuuf dagannaan yeoo ammaa muul’atu daraan kan isaan yaaddesse ta’uu Dooktar Liyaan ibsaniiru.
 
Of eeggannoo taasisuun qaama kamiifuu osoo hin taane ofii fi maatii ofii baraaruu ta’uu hawaasni hubachuu qaba jedhan.
 
Maddi:-TOI
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.