Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaatti lakkoofsi namoota vaayrasichaan qabamanii 130 qaqqabe

Finfinnee, Eebila 21, 2012 (FBC) –Qorannaa laabraatoorii samuudaa 766 irratti sa’aa 24 darbe keessatti gaggeeffameen, nama Afurirratti vaayrasiin koroonaa argame.

Haaluma kanaan Ityoophiyaatti lakkoofsi namoota vaayrasichaan qabamanii 130 qaqqabeera.

Waliigalaan namoonni vaayrasicharraa dandamatan 58 ga’aniiru.

Namoonni haaraan qorannaa sa’aa 24tin vaayrasichaan qabamuun isaanii mirkanaa’e Arfanuu lammiilee Ityoophiyaa kan ta’aanii fi namoonni 3 Puuntilaandi irraa deebi’uun tursa dirqii Jigjigaa keessa kan jiranidha.

Namni Arfaan ammoo jiraataa Godina Harargee Lixaa Aanaa Gubbaa Qorichaa yoo ta’uu, seenaa imala kan hin qabnee fi tuttuqaa qabaachuu qoratamaa jira.

Inistiitiyuutiin Fayyaa Hawaasaa Ityoophiyaa fi Ministeerri Fayyaa FDRI akka beeksisanitti qorannichi kan gaggeeffame laabraatoorii Inistiitiyuutii Fayyaa Hawaasaa Ityoophiyaa, Wiirtuu Qorannaa Dhibee Beelladoota Biyyoolessaa, Dhaabbata Qorannaa Armaawr Haansan, Inistiitiyuutii Baayooteeknooloojii Ityoophiyaa, Inistiitiyuutii Fayyaa Hawaasaa Adaamaa, , Qorannaa Fayyaa Hawaasaa Amaaraa, laabraatoorii Yuunvarsiitii Haramayaa fi Jigjigaatti.

Ityoophiyaan waliigalaan amma ammaatti qorannaa samuudaa vaayrasii koroonaa 16,434 gaggeessiteetti.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.