Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaatti lakkoofsi namoota vaayrasii koroonaan du’anii 407 ga’e

Finfinnee, Hagayya 4, 2012 (FBC) –Ityoophiyaatti gabaasa qorannoo sa’aa 24 darbeen namoonni dabalataa 565 vaayrasii koroonaan yoo qabaman, lubbuun namoota 17 darbeera.
 
Sa’aa 24 darbetti qorannoon laabraatoorii namoota 9,035 hojjetameen namoonni 565 vaayrasichaan qabamaniiru.
Namoonni 17 ammoo lubbuun darbaniiru.
 
Namoonni haaraan 499 yoo dandamatan, waliigala namoonni 10,206 dandamataniiru.
 
Ityoophiyaatti waliigala lakkoofsi namoota vaayrasichaan 22,878 ga’eera.
 
Yeroo ammaa namoonni vaayrasichi irratti argamu 12,203 ta’uu Ministeerri Fayyaa ibseera.
 
Namoonni 163 wallaansa cimaa keessatti argamu.
waliigala Lakkoofsi namoota lubbuun darbanii 407 qaqqabeera.
 
Hanga ammaatti namoota 497,971f qorannoon laabraatoorii hojjetameera.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.