Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaatti lakkoofsi namoota vaayrasii koroonaan qabamanii fi du’anii kan biyyoota ishee daangessanii hunda caale

Finfinnee, Onkololeessa 13, 2013 (FBC) – Ityoophiyaatti lakkoofsi namoota vaayrasii koroonaan qabamanii fi du’anii kan biyyoota ishee daangessanii hunda caaluu ibsame.
 
Ityoophiyaatti hanga ammaatti namoota Covid -19 qabamanii kuma 91 fi 693 keessaa lubbuun namoota kuma 1 fi 396 darbeera.
 
Kanaanis biyyoota ollaa Ityoophiyaa daangessan 6 hunda caalteerti.
 
Ityoophiyaatti aansuun Keeniyaan sadarkaa 2ffaarratti kan argamtu yoo taatu, namoota kuma 47 fi 212 dhibichaan qabaman keessaa lubbuun namoota 870 darbeera.
 
Sudaaniitti ammoo namoota kuma 13 fi 724 dhibichaan qabaman keessaa lubbuun namoota 836 darbeera.
 
Jiibuutiitti namoota kuma 5 fi 522 keessaa namootti 61 lubbuu isaanii dhabaniiru.
Akkasumas Soomaaliyaatti lammiilee dhibichaan qabaman kuma 3 fi 897 keessaa namoonni 102 du’aniiru.
 
Sudaan Kibbaatti namoota Covid -19 qabaman kum 2 fi 872 keessaa namoonni 55 kan du’an yoo ta’u, Eeritraatti namoonni 457 dhibichaan qabamanis lubbuun namaa darbe hin jiru jedhame.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.