Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaatti lakkoofsi namoota vaayrasii koroonaan qabamanii kuma 51 caale

Finfinnee, Hagayya 25, 2012 (FBC) – Gabaasa qorannaa sa’aa 24 kaleessa darbeetin namoonni dabalataa 1,468 vaayrasii koroonaatin qabamuun isaanii mirkanaa’era.
 
Sa’aa 24 kaleeessa darbeen qorannaan laabraatoorii samuudaa 21,499 kan gaggeeffame yoo ta’u, namoota 1,468 irratti vaayrasichi argamuu Ministeerri Fayyaa beeksiseera.
 
Kaleessa lakkoofsi namoota lubbuu isaanii dhabanii 23 yoo ta’an, waliigala lubbuun namoota 793 darbeera.
 
Haaraan kan dandamata 266 yoo ta’an, waliigalaan lakkoofsi namoonni dandamatanii 18,382.
 
Ityoophiyaatti qorannaadhan namoonni vaayrasichi irratti argame 51,122 qaqqabeera.
 
Namoonni 344 hordoffii yaala cimaa keessatti argamu.
 
Yeroo amma vaayrasichi namoota 31,945 irratti argama.
 
Waliigalaan qorannaan laabraatoorii 890,929 gaggeeffameera.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.