Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaatti lakkoofsi namoota vaayrasii koroonaarraa dandamatanii kuma 24 ga’eera

Finfinnee, Fulbaana 2, 2013 (FBC) – Gabaasa qorannaa sa’aa 24 kaleessa darbeetiin namoonni dabalataa789 vaayrasii koroonaatin qabamuun isaanii mirkanaa’era.
 
Sa’aa 24 kaleessa darbeen qorannaan laabraatoorii samuudaa 12,164 hojjetameen, namoota 789 irratti vaayrasichi argamuu Ministeerri Fayyaa beeksiseera.
 
Kaleessa lakkoofsi namoota lubbuu isaanii dhabanii 12 yoo ta’an, waliigala lubbuun namoota 986 darbeera.
 
Haaraan kan dandamata 384 yoo ta’an, waliigalaan lakkoofsi namoonni dandamatanii 24,024 ga’eera.
 
Ityoophiyaatti qorannaadhan namoonni vaayrasichi irratti argame 63,367 qaqqabeera.
 
Namoonni 347 hordoffii yaala cimaa keessatti argamu.
 
Yeroo amma vaayrasichi namoota 38,355 irratti argama.
 
Waliigalaan qorannaan laabraatoorii miiliyoona 1fi kuma dhibba 1 fi kuma 22 fi 659 gaggeeffameera.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
 
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.