Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaatti lakkoofsi namoota vaayrasii koroonaatin qabaman kuma 19 darbeera

Finfinnee, Adoolessa 28, 2012 (FBC) – Ityoophiyaatti namoonni 19,289 vaayrasii koroonaatin qabamaniiru.
 
Gabaasa qorannaa sa’aa 24 amma kaleessatiin namoota 583 irratti vaayrasiin koroonaa argamuu Ministeerri Fayyaa FDRI beeksiseera.
 
Gabaasichaan qorannaan laabraatoorii samuudaa namoota 6907 kan hojjetame yoo ta’u, namoota 583 irratti vaayrasichi argameera.
 
Gabaasuma kanaan kaleessa lubbuun namoota 26 vaayrasichaan darbuun ibsameera.
 
Waliigalaan Ityoophiyaatti namoonni 19,289 vaayrasichaan qabamaniiru.
 
Waliigalaan lakkoofsi namoota vaayrasichaan lubbuu isaanii dhaban 336 qaqqabeera.
 
Biyyattiitti namoota 145f hordoffiin wallaansa cimaa taasifamaafii jira.
 
Gabaasa qorannaa sa’aa 24 kaleessatiin namoonni 330 dandamataniiru.
 
 
 
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
 
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.