Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaatti lakoofsi du’aatii haadholii ulfaa hir’ataa dhufeera- Ministera Fayyaa

Finfinnee, Amajjii 1, 2014 (FBC) –  Ityoophiyaatti lakoofsi du’aatii haadholii ulfaa hir’ataa dhufuu Ministerri Fayyaa beeksise.

Ministeerri Fayyaa sagantaa Baati Fayyummaa haadholii ifoomseera

Sadarkaa idil adduunyatti yeroo 35ffaaf akka Ityoophiyaatti ammoo marsa 16ffaaf ji’a Amajjii kan kabajamu ta’uu ibsameera.

Sagantichi  haala kamiiyyuu keessatti da’umsaan booda sababa dhangala’uu dhiigaan du’atii haadholii mudatu waloon ha hambifnu jedhuun kan gaggeeffamu ta’uu eerameera.

Waggoota 3’n darbanitti sadarkaa biyyaaleessatti sagantaaleen garaagaraa bocamuuun hojirraa oluu isaatiin du’aatiin haadholii hir’achuu Ministirri Ministeera Fayyaa Dooktar Liyaa Taaddasaan himaniiru.

Sagantaa sosochii Baati Fayyuummaa haadholiin hojiin hubannoo uumuu fi kutaa Kaabaa biyyattiti sababa waraanaan dhaabbilee fayyaa miidhaman gara tajaajilaatti galchuuf hojiileen kan hojjetaman ta’uu eeraniiru jechuun EBCn gabaaseera.

Ityoophiyaa :- Misoomsuuf, Ijaaruuf, Yaa qophoofnu!!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.