Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaatti namni jalqabaa vaayrasii koroonaa lubbuun darbe

Finfinnee, Bitootessa 27, 2012 (FBC) – Ityoophiyaatti namni jalqabaa vaayrasii koroonaa lubbuun darbuu himame.

Ministeerri Fayyaa fi Inistiitiyuutiin Fayyaa Hawaasaa vaayrasiin koroonaa (COVID -19) Chaayinaa magaalaa Wuhaanitti erga uumamee jalqabee vaayrasichi gara biyya keenyaatti akka hin galleef qophii taasisa turuun ni yaadatama.

Dubartiin umurii 60 Bitootessa 19, 2012 mallattoon dhukkuba vaayrasii koroonaa irratti muldhachuun Hospitaala Eekkaa Kotobee bakka turtii galuun deeggarsi yaalaa taasifamaafi kan ture yoo ta’u, Bitootessa 22, 2012 vaayrasiin koroonaa irratti argamuu mirkanaa’uun ni yaadatama.

Haata’uuti, Bitootessa 22, 2012 kaasuun guyyoota 6 darban yaaliin addaa ta’aaf kan ture yoo ta’u, guyyaa har’aa lubbuun isaanii darbuu Ministirri Ministeera Fayyaa Dooktar Liyaa Taaddasaa beeksisaniiru.

Ministeerri Fayyaa fi Inistiitiyuutiin Fayyaa Hawaasaa gadda isaanitti dhaga’ame ibsuun maatii fi firootaaniif jajjabina hawwaniiru.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.