Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaatti namni Vaayrasii Koroonaan shakkame tokko qorannoon taasifamaafi jira jedhame

Finfinnee, Gurraandhala 20, 2012 (FBC) – Ityoophiyaatti namni tokko Vaayrasii Koroonaan shakkamee qorannoon taasifamaafi jiraachuu Ministeerri Fayyaa beeksise.
 
Shakkamaan kun Gurraandhala 15, 2012 chaayinaa gara Ityoophiyaa dhufutu himame.
 
Yeroo ammaa iddoo yaalichaaf qophaa’e keessatti qorannoon godhameefi jira jedhame.
 
Ityoophiyaattti hanga ammaatti namoonni 20 shakkamanii qorannoo taasifameen bilisa ta’uun isaanii mirkanaa’era.
 
Shakkamaan har’a iddoo turtii shakkamtootaa keessa gale kunis bu’aan isaa akkuma mirkanaa’een kan ifoomu ta’uu Ministeerich beeksiseera.
 
Dhibeen kun gara Ityoophiyaa akka hin galleef mootummaan Ityoophiyaa Chaayinaa waliin xiyyeeffannoo addaan hojjechaa jiraachutu ibsame.
 
Vaayrasiin Koroonaa yeroo ammaa addunyaarratti ariitiin babal’achaa kan jiru yoo ta’u, hanga ammaatti biyyoota 50 ol keessatti muul’ateera.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.