Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaatti namoonni dabalaataa 801 vaayrasii koroonaan yoo qabaman, namoonni 10 ammoo lubbuun darbaniiru

Finfinnee, Hagayya 3, 2012 (FBC) –Ityoophiyaatti gabaasa qorannoo sa’aa 24 kaleessa darbeen namoonni dabalataa 801 vaayrasii koroonaan qabamuu Ministeerri Fayyaa beeksiseera.

Sa’aa 24 darbetti qorannoon laabraatoorii namoota 10,919 hojjetameen namoonni 801 vaayrasichaan qabamaniiru.

Namoonni 10 ammoo lubbuun darbaniiru.

Namoonni haaraan 292 yoo dandamatan, waliigala namoonni 9,707 dandamataniiru.

Ityoophiyaatti waliigala lakkoofsi namoota vaayrasichaan qabamanii 22,253 gaheera.

Yeroo ammaa namoonni vaayrasichi irratti argamu 12,154 ta’uu Ministeerri Fayyaa ibseera.

Namoonni 167 wallaansa cimaa keessatti argamu.

waliigala Lakkoofsi namoota lubbuun darbanii 390 qaqqabeera.

Hanga ammaatti namoota 488,936f qorannoon laabraatoorii hojjetameera
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.