Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaatti namoonni dabalataa 1,024 vaayrasii koroonaan qabaman

Finfinnee, Eebila 22, 2013 (FBC) – Gabaasa qorannoo sa’aatii 24 darbeetiin namoonni dabalataa 1,024 vaayrasii koroonaan yoo qabaman, lubbuun namoota 30 darbeera.

Sa’aatii 24 darbetti qorannoo laabraatoorii namoota 6,156 gaggeeffameen vaayrasichi namoota 1,024 irratti argamuu Ministeerri Fayyaa beeksiseera.

Namoonni haaraan 946 dandamataniiru.

Vaayrasichi yeroo ammaa namoota 54, 890 irratti argama.

Namoonni 962 wallaansa cimaa keessatti argamu.

Lubbuun namoota 30 darbeera.

Waliigala lubbuun namoota 3,688 darbeera.

Hanga ammaatti namoonni kumni dhibbi 2 fi kumni 57 fi 442 qabamaniiru.
Namoonni 1,099,614 talaallii fudhataniiru.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.