Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaatti namoonni dabalataa 1,893 vaayrasii koroonaan qabamuu ibsame

Finfinnee, Eebila 6, 2013 (FBC) – Gabaasa qorannoo sa’aatii 24 darbeetiin namoonni dabalataa 1,893 vaayrasii koroonaan yoo qabaman, lubbuun namoota 24 darbeera.

Sa’aatii 24 darbetti qorannoo laabraatoorii namoota 8,705 gaggeeffameen vaayrasichi namoota 1,893 irratti argamuu Ministeerri Fayyaa beeksiseera.

Namoonni haaraan 863 dandamataniiru.

Vaayrasichi yeroo ammaa namoota 56,560 irratti argama.

Namoonni 995 wallaansa cimaa keessatti argamu.

Lubbuun namoota 24 darbeera.

Waliigala lubbuun namoota 3,252 darbeera.

Hanga ammaatti namoonni kumni dhibbi 2 fi kumni 34 fi 405 qabamaniiru.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.