Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaatti namoonni dabalataa 2,054 vaayrasii koroonaan qabamuu ibsame

Finfinnee,Bitootessa 28, 2013 (FBC) – Gabaasa qorannoo sa’aatii 24 darbeetiin namoonni dabalataa 2,054 vaayrasii koroonaan yoo qabaman, lubbuun namoota 25 darbeera.

Sa’aatii 24 darbetti qorannoo laabraatoorii namoota 8,190 gaggeeffameen vaayrasichi namoota 2,054 irratti argamuu Ministeerri Fayyaa beeksiseera.

Namoonni haaraan 934 dandamataniiru.

Vaayrasichi yeroo ammaa namoota 52,398 irratti argama.

Namoonni 850 wallaansa cimaa keessatti argamu.

Lubbuun namoota 25 darbeera.

Waliigala lubbuun namoota 3,025 darbeera.

Hanga ammaatti namoonni kumni dhibbi 2 fi kumni 19 fi 381 qabamaniiru.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.