Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaatti namoonni dabalataa 2,138 vaayrasii koroonaan qabamuu ibsame

Finfinnee,Bitootessa 27, 2013 (FBC) – Gabaasa qorannoo sa’aatii 24 darbeetiin namoonni dabalataa 2,138 vaayrasii koroonaan yoo qabaman, lubbuun namoota 37 darbeera.

Sa’aatii 24 darbetti qorannoo laabraatoorii namoota 9,038 gaggeeffameen vaayrasichi namoota 2,138 irratti argamuu Ministeerri Fayyaa beeksiseera.

Namoonni haaraan 1,054 dandamataniiru.

Vaayrasichi yeroo ammaa namoota 51,303 irratti argama.

Namoonni 862 wallaansa cimaa keessatti argamu.

Lubbuun namoota 37 darbeera.

Waliigala lubbuun namoota 3,000 darbeera.

Hanga ammaatti namoonni kumni dhibbi 2 fi kumni 17 fi 327 qabamaniiru.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.