Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaatti namoonni dabalataa 2,163 vaayrasii koroonaan qabamuu ibsame

Finfinnee,Bitootessa 29, 2013 (FBC) – Gabaasa qorannoo sa’aatii 24 darbeetiin namoonni dabalataa 2,163 vaayrasii koroonaan yoo qabaman, lubbuun namoota 33 darbeera.

Sa’aatii 24 darbetti qorannoo laabraatoorii namoota 8,187 gaggeeffameen vaayrasichi namoota 2,163 irratti argamuu Ministeerri Fayyaa beeksiseera.

Namoonni haaraan 2179 dandamataniiru.

Vaayrasichi yeroo ammaa namoota 52,349 irratti argama.

Namoonni 906 wallaansa cimaa keessatti argamu.

Lubbuun namoota 33 darbeera.

Waliigala lubbuun namoota 3,058 darbeera.

Hanga ammaatti namoonni kumni dhibbi 2 fi kumni 21 fi 544 qabamaniiru.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.