Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaatti namoonni dabalataa 294 vaayrasii koroonaan yoo qabaman, lubbuun namoota 2 darbeera

Finfinnee,Adoolessa 8, 2012 (FBC) – Gabaasa qorannaa sa’aa 24tin namoonni 294 vaayrasii koroonaatin qabamuu Ministeerri Fayyaa FDRI beeksise.
 
Sa’aa 24 keessatti qorannaan samuudaa namoota 5,186 hojjetameera.
 
Namoota 294 keessaa namoonni 209 Finfinneerraa, 31 naannoo Tigraayirraa, 9 naannoo Amaaraa, 20 Gaambeellarraa,13 Oromiyaarraa, 2 naannoo Somaaleerraa, 4 Dirree Dawaarraa, 6 naannoo Afaarirraa ta’uun ibsameera.
 
Qorannaa amma ammaatti gaggeeffameen Ityoophiyaatti namoota 8,475 irratti vaayrasichi argamuu Ministeera Fayyaa beeksiseera.
 
Sa’aa 24 darbanitti Lubbuun namoota 2 darbeera.
 
Namoonni haaraan 51 ammoo dandamataniiru.
 
Waliigalaan Ityoophiyaatti namoonni 4,768 kan dandamatan yoo ta’u, namoonni 148 lubbuu isaanii dhabaniiru.
 
Ityoophiyaatti waliigalaan qorannaan laabraatoorii 302,728 hojjetameera.
 
Amma vaayrasichi kan irra jiru namoota 3,557 yoo ta’u,
namoonni 36 ammoo wallaansa cimaa keessatti aragmu
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.