Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaatti namoonni dabalataa 3 vaayrasii koroonaatin qabamaniiru

Finfinnee, Bitootessa 23, 2012 (FBC) – Ityoophiyaatti qorannaa laaboraatoorii sa’aa 24 keessatti taasifameen namoonni dabalataa 3 vaayrasiin koroonaatin qabamuun isaanii mirkanaa’e.

Ministirri Ministeera Fayyaa FDRI Dooktar Liyaa Taaddasaan akka beeksisanitti, Ityoophiyaatti waliigalaan namoonni vaayrasichaan qabaman 29 ga’aniiru.

Amma ammaatti namoota 1083f qorannaan laaboraatoorii kan taasifame yammuu ta’u, sa’aa 24 keessatti ammoo samuudaan 68 qoratameera.

Haaluma kanaanis namoonni dabalataa sadi vaayrasichaan qabamuun kan mirkanaa’e yammuu ta’u, amma ammaattis waliigalaan namoonni vaayrasichaan qabaman 29 ga’aniiru.

Sadanuu Ityoophiyaanota yammuu ta’an, takka dubartii umrii waggaa 33 yoo taatu Jibuutii, Braaziil, Hindii fi Koongoo Braazaaviil imalteetti.

Lammaffaan ammoo dargaggeessa umrii waggaa 26 yammuu ta’u, amalli hojiisaa namoota biyyoota addaddaa imalan waliin kan gaggeeffamudha.

Sadaffaan nama umrii waggaa 32 yoo ta’u, nama vaayrasichaan qabamuun isaa mirkanaa’e waliin qunnamtii kan qabudha.

Sadaniifuu hordoffiin taasifamaa kan jiru yammuu ta’u, namoota isaan waliin qunnamtii qaban hojiin adda baasuu hojjetamaa jira.

Namoota 25f hordoffiin yaala tursa addaa taasifamaa kan jiru yammuu ta’u, lama hordoffii wallaansa cimaa galaniiru.

Namoonni lama kanaan dura dandamachuun kan ibsame yammuu ta’u, of eeggannoof jedcha tursa addaatti horfdofamaa jiru.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.