Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaatti namoonni dabalataa 3 vaayrasii koroonaatin qabamuun mirkanaa’e

Finfinnee, Bitootessa 22, 2012 (FBC) – Ityoophiyaatti namoonni dabalataa 3 vaayrasii koroonaatin qabamuun mirkanaa’e.

Ministeerri Fayyaa FDRI akka beeksisetti waliigalaan qorannoon laaboraatoorii namoota 1013 hojjetameera.

Sa’aa 24 keessatti qorannaa laaboraatoorii hojjetameen namoota sadirratti vaayrasichi muul’achuun mirkanaa’era.

Haaluma kanaan waliigalaan namoonni amma ammaatti vaayrasii koroonaatin qabaman 25 ga’aniiru.

Namoonni lamaan vaayrasichaan qabamuun isaanii mirkanaa’e kan umrii waggaa 30 fi 36 yammuu ta’an, bifa dirqisiisaan tursa addaa keessa kan turanidha.

Lamaanuu balalii walfakkaatadhaan Bitootessa 15,2012 gara biyyaa kan dhufanidha.

Mallattoo irratti muul’ateen hordoffiin taasifamaafii tureeras jedheera Ministeerri Fayyaa.

Namni sadaffaan ammoo jiraattuu magaalaa Finfinnee fi umrii waggaa 60 yammuu ta’an, Bitootessa 6,2012 Faransaayii gara biyyaa kan deebi’anii fi tursa keessa kan turanidha.

Hordoffii yaala adda baasanii wallaanuu keessa kan jiran namoota 21 yammuu ta’an, 2 hordoffii wallaansa cimaa keessa jiru.

Kanaan dura akka ibsametti namoonni lama gara biyya isaanii kan deebi’an yammuu ta’u, lama guutummaan dandamataniiru.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.