Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaatti namoonni dabalataa 453 vaayrasii koroonaan qabaman

Finfinnee, Caamsaa 6, 2013 (FBC) – Gabaasa qorannoo sa’aatii 24 darbeetiin namoonni dabalataa 453 vaayrasii koroonaan yoo qabaman, lubbuun namoota 13 darbeera.

Sa’aatii 24 darbetti qorannoo laabraatoorii namoota 4,270 gaggeeffameen vaayrasichi namoota 453 irratti argamuu Ministeerri Fayyaa beeksiseera.

Namoonni haaraan 1636 dandamataniiru.

Vaayrasichi yeroo ammaa namoota 44, 077 irratti argama.

Namoonni 620 wallaansa cimaa keessatti argamu.

Lubbuun namoota 13 darbeera.

Waliigala lubbuun namoota 3,964 darbeera.

Hanga ammaatti namoonni kumni dhibbi 2 fi kumni 65 fi 413 qabamaniiru.

Namoonni 1,436,665 talaallii fudhataniiru.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.