Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaatti namoonni dabalataa 552 vaayrasii koroonaan qabaman

Finfinnee, Caamsaa 3, 2013 (FBC) – Gabaasa qorannoo sa’aatii 24 darbeetiin namoonni dabalataa 552 vaayrasii koroonaan yoo qabaman, lubbuun namoota 14 darbeera.

Sa’aatii 24 darbetti qorannoo laabraatoorii namoota 4,776 gaggeeffameen vaayrasichi namoota 552 irratti argamuu Ministeerri Fayyaa beeksiseera.

Namoonni haaraan 1,074 dandamataniiru.

Vaayrasichi yeroo ammaa namoota 47, 192 irratti argama.

Namoonni 694 wallaansa cimaa keessatti argamu.

Lubbuun namoota 14 darbeera.

Waliigala lubbuun namoota 3,911 darbeera.

Hanga ammaatti namoonni kumni dhibbi 2 fi kumni 63 fi 672 qabamaniiru.

Namoonni 1,360,752 talaallii fudhataniiru.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.