Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaatti namoonni dabalataa 593 vaayrasii koroonaan qabaman

Finfinnee, Caamsaa 5, 2013 (FBC) – Gabaasa qorannoo sa’aatii 24 darbeetiin namoonni dabalataa 593 vaayrasii koroonaan yoo qabaman, lubbuun namoota 13 darbeera.

Sa’aatii 24 darbetti qorannoo laabraatoorii namoota 5,621 gaggeeffameen vaayrasichi namoota 593 irratti argamuu Ministeerri Fayyaa beeksiseera.

Namoonni haaraan 926 dandamataniiru.

Vaayrasichi yeroo ammaa namoota 45, 273 irratti argama.

Namoonni 653 wallaansa cimaa keessatti argamu.

Lubbuun namoota 13 darbeera.

Waliigala lubbuun namoota 3,951 darbeera.

Hanga ammaatti namoonni kumni dhibbi 2 fi kumni 64 fi 960 qabamaniiru.

Namoonni 1,420,251 talaallii fudhataniiru.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.