Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaatti namoonni dabalataa 602 vaayrasii koroonaatin qabamuun isaanii mirkanaa’e

Finfinnee, Fulbaana 8, 2013 (FBC) – Gabaasa qorannaa sa’aa 24 darbeetiin namoonni dabalataa 602 vaayrasii koroonaatin qabamuun isaanii mirkanaa’era.
Sa’aa 24 kaleessa darbeen qorannaan laabraatoorii samuudaa 8221 hojjetameen, namoota 602 irratti vaayrasichi argamuu Ministeerri Fayyaa beeksiseera.
Haaraan kan dandamata 553 yoo ta’an, waliigalaan lakkoofsi namoonni dandamatanii 27,638.
Kaleessa lubbuun namoota 12 yoo darbu, waliigala lubbuun namoota 1072 darbeera.
Ityoophiyaatti qorannaadhan namoonni vaayrasichi irratti argame 67,515 qaqqabeera.
Namoonni 289 hordoffii yaala cimaa keessatti argamu.
Yeroo amma vaayrasichi namoota 38,803 irratti argama.
Ityoophiyaatti erga vaayrasichi muuldhate qorannoon laabraatoorii namoota 1,184,473 taasifameera
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.