Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaatti namoonni dabalataa 610 vaayrasii koroonaan yoo qabaman, lubbuun namoota 14 darbe

Finfinnee, Adoolessa 22, 2012 (FBC) – Gabaasa idilee qorannoo sa’aatii 24 darbeetiin namoonni dabalataa 610 vaayrasii koroonaan qabamuu Ministeerri Fayyaa beeksise.
 
Sa’aa 24 darbetti qorannoo laabraatoorii namootaa 7,760 hojjetameen vaayrasichi namoota 610 irratti argamuu Ministirri Ministeera Fayyaa Dooktar Liyaa Taaddasaan ibsaniiru.
 
Namoonni haaraan 159 dhibichaarraa yoo dandamatan,
Waliigala namoonni 6685 vaayrasicharraa dandmataniiru.
 
Yeroo ammaa vaayrasichi kan irratti argamu namoota 8870, yoo ta’u, namoonni 66 wallaansa cimaa keessatti argamu.
 
Hanga ammaatti waliigala lubbuun namoota 253 darbeera.
 
Ityoophiyaatti waliigala namootaa 403,611f qorannoon laabraatoorii hojjetameera.
 
Waliigala lakkoofsi namoota vaayrasichaan qabamanii 15,810 ga’eera.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.