Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaatti namoonni dabalataa 689 vaayrasii koroonatin qabamaniiru

Finfinnee, Fulbaana 8, 2013 (FBC) – Gabaasa qorannaa sa’aa 24 kaleessa darbeetiin namoonni dabalataa 689 vaayrasii koroonaatin qabamuun isaanii mirkanaa’era.

Sa’aa 24 kaleessa darbeen qorannaan laabraatoorii samuudaa 10,605  hojjetameen, namoota 689 irratti vaayrasichi argamuu Ministeerri Fayyaa beeksiseera.

Haaraan kan dandamata 420 yoo ta’an, waliigalaan lakkoofsi namoonni dandamatanii 27,058.

Kaleessa lubbuun namoota 15 yoo darbu, waliigala lubbuun namoota 1060 darbeera.

Ityoophiyaatti qorannaadhan namoonni vaayrasichi irratti argame 66,913 qaqqabeera.

Namoonni 300 hordoffii yaala cimaa keessatti argamu.

Yeroo amma vaayrasichi namoota 38,766 irratti argama.

Ityoophiyaatti erga vaayrasichi muuldhate qorannoon laabraatoorii namoota 1,176,252 taasifameera

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.