Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaatti namoonni dabalataa 943 vaayrasii koroonaan yoo qabaman, lubbuun namoota 23 darbeera

Finfinnee, Hagayya 7, 2012 (FBC) – Ityoophiyaatti gabaasa qorannoo sa’aa 24 kaleessa darbeen namoonni dabalataa 943 vaayrasii koroonaan yoo qabaman, lubbuun namoota 23 darbu Ministeerri Fayyaa beeksise.

Sa’aa 24 darbetti qorannoon laabraatoorii namoota 14,540 hojjetameen namoonni 943 vaayrasichaan qabamaniiru.

Namoonni haaraan 338 yoo dandamatan, waliigala namoonni 11,034 dandamataniiru.

Ityoophiyaatti waliigala lakkoofsi namoota vaayrasichaan qabamanii 25,118 qaqqabeera.

Yeroo ammaa namoonni vaayrasichi irratti argamu 13,619 ta’uu Ministeerri Fayyaa ibseera.

Namoonni 178 wallaansa cimaa keessatti argamu.

Waliigala Lakkoofsi namoota lubbuun darbanii 463 qaqqabeera.

Hanga ammaatti namoota 535,431 f qorannoon laabraatoorii hojjetameera.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godha

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.