Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaatti namoonni vaayrasii koroonaan qabaman 38 ga’an

Bitootessa 26, 2012 (FBC) – Ityoophiyaatti sa’aatii 24 darbanitti namoota qorannoon laaboraatoorii taasifameef 89 keessaa namoonni 3 vaayrasii koroonaan qabamuu isaanii ibsame.
 
Namoonni sadanuu kanneen alaa dhufanii fi jiraattoota magaalaa Finfinnee ta’uu isaanii Ministirri Ministeera Fayyaa Dooktar Liyaa Taaddasaan ibsaniiru.
 
Inni tokko nama umrii waggaa 29 Bitootessa 10, 2012 Dubaayirraa kan dhufe yoo ta’u, namoota dhibichaan qabaman waliin tuttuqaa nama qabuudha jedhame.
 
Inni 2ffaan ammoo nama umrii waggaa 34 Bitootessa 23, 2012 Dubaayirraa dhufuun iddoo tursiisa addaa keessa kan ture yoo ta’u, namoota dhibichaan qabaman waliin tuttuqaa qabaachuun isaa mirkanaa’eera.
 
Isheen 3ffaan dubartii umuriin ishee waggaa 35 taate Bitootessa 25, 2012 Swiidinirraa dhufuun iddoo tursiisaa addaa keessa kan turte ta’uu ishee Dooktar Liyaan ibsaniiru.
 
Waliigala Ityoophiyaatti hanga guyyaa har’aatti namoonni vaayrasii koroonaan qabaman 38 ga’uu isaaniiruu Dooktar Liyaan himaniiru.
 
Dabalataan Finfinnee fi Adaamaatti namoota 641f qorannoon taasifamaafii jiru keessaa namoonni 510 bilisa ta’uun isaanii mirkanaa’era jedhan.
 
Maanguddoo umrii waggaa 85 guyyaa har’aa dhibichaarraa fayyuun isaa mirkanaa’e dabalatee Ityoophiyaatti namoonni 4 dhibicharraa fayyaniiru jedhame.
 
Maddi:-TOI

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.