Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaatti namoonni vaayrasii koroonaarraa dandamatan 3 ga’an

Finfinnee, Bitootessa 24, 2012 (FBC) – Namoota vaayrasii koroonaatin qabaman keessaa namni tokko dabalataan dandamate.

Ministirri Ministeera Fayyaa Dooktar Liyaa Taaddasaan kanaan dura namoonni lama vaayrasicharraa dandamachuu ibsanii, namni dabalataa tokkos dandamachuu eeraniiru.

Sa’aa 24 keessatti qorannaan vaayrasii koroonaa 65 hojjetamee, samuudaawwan kanneen bilisa ta’uun isaanii barameera.

Tursa adda baasanii wallaanuu keessa namoonni 25 jiraachuu fi namni tokko ammoo hordoffii wallaansa cimaa keessa jiraachuu ibsaniiru.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.