Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaatti namoonni vaayrasii koroonaatin qabaman 23 ga’an- MM Dr Abiy

Finfinnee, Bitootessa 21, 2012 (FBC) – Ityoophiyaatti namoonni vaayrasii koroonaatin qabaman 23 ga’uu muummee ministiraa Dooktar Abiy Ahimad ibsan.
 
Amma har’a ganamaatti namoota qorannaan laaboraatoorii taasifameef 800 keessaa 23 vaayrasichaan qabamuun barameera.
 
Isaan keessaa 2 dandamataniiru jedhan Dooktar Abiy Ahimad.
 
Magaalota hedduutti vaayrasii koroonaarraa of eeggannoo taasisuurratti qaawwi kan muul’atu ta’uu muummee ministiraa Dooktar Abiy Ahimad ibsaniiru.
 
Biyyoonni hedduun hoospitaalaa fi qabeenya ga’aa osoo qabanuu weerara vaayrasichaa ittisuu akka hin dandeenye barameera.
 
Yaata’uutii lammiileen qajeelfamaa fi kallattii mootummaan laatu hordofan vaayrasicharraa dandamachaa jiraachuun barameera jedhan.
 
Lammiileen Ityoophiyaatis kallattii kaa’amu hordofuu, of eeggannaa cimaa taasisuun barbaachisaa ta’uu ibsaniiru.
 
Muummee ministiraa qaamolee weerara vaayrasichaa fi miidhaa qaqqabuu malu ittisuuf mootummaa waliin hojjechaa jiranii fi tumsa taasisan mara galateeffataniiru.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.