Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaatti namoota COVID-19n qabaman keessaa %14.9 kan ta’aan tursa addaa ni seenu

Finfinnee, Onkololeessa 10, 2013 (FBC) –Ityoophiyaatti namoota vaayrasii koroonaatin qabaman keessaa %14.9 kan ta’aan gara tursiisa addaa akka seenan ibsameera.

Ityoophiyaatti haala ka’uumsaa fi tamsa’ina vaayrasii koroonaatin walqabsiisee duubdeerratti miidiyaleef ibsi laatameera.

Itti aanaan daayreektara olaanaa Inistiitiyuutii Fayyaa Hawaasaa Ityoophiyaa Asachaalaaw Abbaayineeh, weerarri vaayrasii koroonaa sodaa fayyaa addunyaa ta’uu isaan biyyoonni of eeggannoo akka taasisaniif Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa ibseet ture jedhan.

Buufata xiyyaaraa idil addunyaa Booleetti ulaa seensaa fi bahaarratti ho’inaa qaamaa safaruun dhiibbaa vaayrasichi qaqqabsiisuu hir’ifamuu ibsaniiru.

Tamsa’ina vaayrasichaan yeroo ammaa kanas Finfinneen sadarkaa jalqabarra jiraattus naannoo Oromiyaa fi Tigraay 2ffaa fi 3ffaarratti akka argaman himaniiru.

Ityoophiyaatti tamsa’ina vaayrasiicha beekuuf sadarkaa biyyooleessaatti duula qorannoo gaggeeffameen namoonni %73 ol vaayrasichaan qabamuun isaanii beekameera.

Yeroo ammaa kanas ammentaan qorannoo taasifamu hir’atus lakkoofsii namoota vaayrasichaan qabamanii fi lubbuun isaanii darbuu dabala jiraachuu ibsaniiru.

Torbe lamaan darbee keessaatti akka biyyaatti tamsa’inni vaayrasichaa %10.4 qaqqabuu ibsameera.

Ministirri ministeera Fayyaa Dooktar Liyaa Taaddasaa, weerara vaayrasii koroonaa ittisuuf qophiin duraa barbaachisuu, hojiin gurmaa’insa giddugala qorannoo laabraatoorii hojjetamuu ibsaniiru.

Biyyattitti vaayrasichi erga muul’ate booda labsiin yeroo ariifachiisaa labsamuun rakkoo mudachuuf turee hir’iseera jedhan.

Baatii Bitootessaa irraa egaalee manneen barnoota cufamanii turan akka eegalaniif kan taasifameefis dhiibban qaqqabuu tilamaama keessaa galchuuni jedhaniiru.

Haata’u malee labsiin yeroo ariifachisaa kaasuun walqabatee hawaasa biraatti of daggannaa cimaan muul’acha jiraachuu kaasaniiru.

Dhorkiiwwan turan ka’uun barnoonni akka eegaluu taasisuun barbaachisaa ta’uus hawaasni of eeggannoo taasisuu akka qabuu yaadachiisaniiru.

Ityoophiyaatti COVID-19 ammallee sodaa ta’us qajeelfamoota ba’aan waliin walqabsisee qamooleen nageenyaa itti gaafatamuummaa isaanii ba’achaa akka jiran eeraniiru.

Ibsicharrati kan argaman Ityoophiyaatti bakka bu’aan Dhaabbata Fayyaa Addunyaa Booree’imaa Haamaa Saamboo, Ityoophiyaan duubdeebii covid-19 irratti laattee jajjabeessaa ta’uu kaasuun yeroo ammaa kana barnoonni akka eegaluuf murteessuun barbaachisaadha jedhaniiru.

Haaymanoot Iyyaasuutu gabaase

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.