Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaatti namoota dabalataa 61 irratti vaayrasiin koroonaa argame

Finfinnee, Caamsaa 15, 2012 (FBC) –– Qorannaa sa’aa 24 darbe keessa gaggeeffameen, namoota 61 irratti vaayrasiin koroonaa argamuu Ministeerri Fayyaa beeksise.

Sa’aa 24 darbe keessa samuudaan namoota 3,757 qoratameera.

Waliigalaan Ityoophiyaatti lakkoofsi namoota vaayrasichaan qabamanii 494 qaqqabeera.

Namoonni vaayrasichi irratti argame hundinuu Ityoophiyaanota umriin isaan waggaa 15 hanga 70 yoo ta’an, koorniyaadhan dhiira 43 fi dubartoota 18.

Namoonni 11 namoota dhibichaan qabaman waliin tuttuqaa qabu.

Namoonni 5 ammoo seenaa imala alaa qabu.

Namni 45 ammoo tuttuqaas seenaa imalaas hin qaban.

Namoonni 48 jiraattoota magaalaa Finfinnee yoo ta’an,

namoonni 3 ammoo naannoo Afaar.

Namoonni 2 naannoo Oromiyaa.

Namni 1 naannoo Amaaraa.

Namoonni 7 naannoo Somaalee.

Namoonni haaraan 23 dhibicharraa dandamataniiru.

Waliigalaan Ityoophiyaatti namoonni dandamatan 151 qaqqabaniiru.
Namoonni 336 yaaalarratti argamu.

Ityoophioyaatti Waliigala namoota 76,962 qorannaan laabraatoorii taasifameera.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.