Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaatti qonnaan bultoonni miiliyoonni 3.7 kilaastaraan oomishaa jiru jedhame

Finfinnee, Onkololeessa 21, 2015(FBC)- Ityoophiyaatti qonnaan bultoonni miiliyoonni 3.7 kilaastaraan oomishaa jiraachuu Inistiitiyuutiin Tiraanisfoormeeshinii Qonnaa Ityoophiyaa ibse.

Daayrektarri olaanaan inistiitiyuutichaa Dooktar Maandafroo Niguseen, qonnaan bulaan qindoominaan kilaastaraan misoomsuun isaa oomisha isaa dachaan dabaluun mataasaarra darbee gabaaf dhiyeessuuf carraa uumaafii jiraachuu ibsaniiru.

Yeroo ammaa midhaan callaan, kuduraaleefi muduraaleen kilaastaraan oomishamaa jiraachuu eeruun, yeroo ittaanutti Akuraatariifi Ruuziif xiyyeeffannoon kan laatamu ta’uu kaasaniiru.

Qonnaan bultoota kilaastaraan misoomsaniif inistiitiyuutichi deeggarsa galteefi teekinikaa ni taasisa jedhaniiru.

Almaaz Makonnintu gabaase.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.