Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaatti Sagantaan “Meetaa Buust” eegale

Finfinnee, Fulbaana 12, 2015(FBC)- Dhaabbanni Meetaa Ministeera Hojiifi Ogummaafi Miidiyaa Samar waliin ta’uun sagantaa diinagdee deeggaru “Meetaa Buust” jedhamu guyyaa har’aa eegalchiisaniiru.

Sagantichi abbootiin qabeenyaa dhaabbilee xixiqqaafi giddugaleessaa meeshaalee diijitaalaa guddina hojii daldalaaf akkamitti fayyadamuu akka danda’aniif  carraa kan uumu ta’uu ibsameera.

Haala maamiltoota isaanii waliin hariiroo hiikkaa qabeessa uumuu danda’an irratti hubannoo gahaa kennuurratti kan kaayyeffate ta’uu eerameera.

Sagantichaan hanga ammaatti dhaabbileen daldalaa xixiqqaafi giddugaleessaa kumni 7 ol appilikeeshinoota Meetaa kanneen akka Feesbuukii, Inistaagiraamiifi Waatsaappii fayyadamuun haala hojiilee daldala isaanii itti guddisuu danda’anirratti leenjiin kennamuu ibsameera.

Sagantaa jalqabsiisa “Meetaa Buust” irratti Ministir Deetaan Ministeera Hojiifi Ogummaa obbo Nugusuu Xilaahuuniifi Bahaafi Gaanfa  Afriikaatti Daayrektarri Imaammata Uummataa Meetaa Meersii Nideeguwaan argamaniiru.

Maahileet Taklabirhaantu gabaase.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.