Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaatti waggaan dubartoonni kuma 5 ol dhukkuba kaansarii hulaa gadameessan du’aaf ni saaxilamu

Finfinnee, Gurraandhala 12, 2012 (FBC) – Ityoophiyaatti waggaan dubartoonni kuma 5 ol dhukkuba kaansarii hulaa gadameessan du’aaf akka saaxilaman ibsame.

Waltajjiin Kaansarii hulaa gadameessaa ilaalchisuun hayyoonni damichaa, ministeerri fayyaa akkasumas qamoolee tumsitoota biroo kan hirmaachise gaggeefama jira.

Waltajjichaan dhukkubsattooni dhibichi sadarakaa olaanarra erga ga’e gara mana yaalaa kan dhufan yoo ta’u dhukkubichi haala gaddisiisaan babal’achaa jiraachun ibsame.

Kanaafis sababni hanqina hubannoo, damicharratti meeshaaleen yaalaa hanqachuu fi hojii qorannoof deeggarsa barbaachisu taasisuu dhabuun dhukkubicha ittisuun akka hin danda’amne ibsame.

Waggaan dhukkubichaan namoota du’an malee dhukkubsattoonni kuma 7 akka galmaa’an ibsameera.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.