Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaatti yaaliin haleellaa saayibarii dachaan dabaluu ibsame

Finfinnee, Qaammee 1, 2013 (FBC) – Ityoophiyaatti bara Baajataa 2013 yaaliin haleellaa sona saayibariirratti raawwatu dachaan dabaluu Ejansiin Nageenya Infoormeeshinii beeksiseera.

Bara 2013 yaaliin haleella saayibarii kumni 2 fi 800 taasiifamuu Ejansii Nageenya Infoormeeshiniitti Itti gaafatamaan Diizyiinii Qophii Balaa fi Deebii laachuu obbo Sablawayin Tsaggayeen ibsaniiru.

Yaalii bara 2012 taasiifame kuma 1 fi 80n yoo madaallamu kan bara 2013 dachaan dabaluu eeraniiru.

Yaaliin haleellaa taasiifame osoo milkaa’ee dhiibban gama diinagdee, Siyaasaa, Dippiloomaasii fi xinsammuu biyyaa fi dhaabbileerra ga’uu olaanaa ture jedhan obbo Sablawayin.

Dhaabbileen haleellaa Saayibarii akka kanaa ittisuuf hojmaata diriirsuu, humna namaa damichaan ga’oomee fi qophii barbaachisu taasiisuun nageenya Saayibariif teeknooloojii hidhachuu akka qaban hubachiisaniiru.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.