Fana: At a Speed of Life!

Ityoopiyaa fi Somaaliyaan hariiroo isaanii daran cimsuuf waliigalan

Finfinnee, Sadaasa 16, 2015 (FBC) – Ittaanaan Muummee Ministiraa fi Ministirri Dhimma Alaa Obbo Dammaqaa Mokinnin, gita isaanii Somaaliyaa Saaleeh Ahimad Jama waliin Walga’ii Addaa Gamtaa Afrikaa Niyaamii Niijeeritti gaggeeffamaa jiru cinaatti mari’ataniiru.

Ministiroonni lameen marii isaaniin michummaa waloo, hariiroo damee hedduu cimsuu fi walga’ii koomishinii ministirootaa waloo dhiyeenyatti gaggeessuuf waliigalaniiru.

Obbo Dammaqaa Mokonnin akka jedhanitti, Ityoophiyaan muuxannoo gama hedduun qabdu Somaaliyaaf qooduuf qophii ta’uu eeraniiru.

Ittaanaan Muummee Ministiraa Somaaliyaa Saaleeh Ahimad gama isaaniin nageenyi Ityoophiyaa gama hedduun Somaaliyaa akka fayyadu ibsanii, shororkeessummaa ittisuu keessatti adda durummaan Ityoophiyaan gahee ishee bahachaa jiraachuu kaasuu ragaan Ministeera Dhimma Alaarraa argamee ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.