Fana: At a Speed of Life!

Iyoophiyaa fi Swiidiin hariiroo baroota dheeraa waliin qaban cimsanii akka itti fufan ibsame

Finfinnee, Sadaasa 25, 2013 (FBC)- Iyoophiyaa fi Swiidiin hariiroo baroota dheeraa waliin qaban cimsanii akka itti fufan ibsameera.

Ministirri Ministeera Nageenyaa aadde Mufaariyaat Kaamil Swiidiinitti itti aanaa Ministira Tumsaa Misoomaa Idil Addunyaa Peer Ulsaan Faariiz waliin bilbilaan mari’ataniiru.

Marichaanis aadde Mufaariyaat Kaamil duula olaantummaa seeraa kaabaa Ityoophiyaatti gaggeeffamerratti ibsa baldhaa taasisaniiru.

Wayita olaantummaa seeraa kabachiisuun adeemsifameetti lammiileen nagaa irraa miidhaan akka hin geenyeef of eeggannoo taasifamuu ibsaniiru.

Peer Ulsaan Faariiz gama isaaniitin, hariiroon biyyoota lamaanii baroota dheeraa kan lakkoofsisee ta’uu ibsuun, cimee akka itti fufuus eeraniiru.

Duula gaggeeffamerratti lammiilee miidhaman deebisanii dhaabuu fi bu’uuraalee misoomaa miidhaman ijaaruuf mootummaa Ityoophiyaa fi uumataa cinaa akka dhaabbatan ibsu ragaan Ministeera Nageenyaarraa arganne ni muul’dhisa.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.