Fana: At a Speed of Life!

Jaanmeedaatti rakkoo mudateen namoota 7rra miidhaan qaqqabe

Finfinnee, Eebila 22, 2012 (FBC) – Naannoo Jaanmeedaatti (Urufa Doobbii) rakkoo mudatee tureen namoota 7rra miidhaan salphaa fi jiddugaleessi qaqqabe.

Nama 6rra miidhaa salphaan, nama tokkorra ammoo miidhaan jiddugaleessaa qaqqabuu Koomiishiniin Poolisii Finfinnee beeksise.

Miidhaan qaqqabe waldhiibbaan kan uumame ta’uu poolisiin beeksiseera.

Daldallii fi seera kabachiisuun sirnaan akka raawwatu dhaabbilee biroo waliin qindoominaan hojjetamaa jiraachuu poolisiin beeksiseera.

Miidhaan kaleessa qaqqabes gabaarratti waldhiibbaan kan uumamedha.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.