Fana: At a Speed of Life!

Jaappaan deeggarsa nyaataa Ityoophiyaatif Doolaara Ameerikaa miiliyoona 30 ol laatte

Finfinnee, Fulbaana 6, 2013 (FBC) – Jaappaan deeggarsa nyaataa Ityoophiyaatif Doolaara Ameerikaa miiliyoona 30 ol laatte.

Sagantaan Nyaata Addunyaa Ityoophiyaadhaf deeggarsa Doolaara Ameerikaa miiliyoona 30.24 ifoomsera.

Deeggarsicha kan gumaache mootummaa Jaappaan ta’uu Sagantaan Nyaata Addunyaa beeksiseera.

Gumaachi kun dhiyeessii nyaataaf kan ooludha.

Tumsichi weerara vaayrasii koroonaatin rakkoon nyaataa akka hin mudanne, naannolee lolaan lageenii, gogiinsii fi weerarri awwaannisaa mudatetti kan laatamu ta’a.

Deeggarsichis karaa Koomiishinii Hoggansa Sodaa Balaatin ummata miiliyoona 1.6 naannoo Oromiyaa, Amaaraa, Afaar, Kibba, Sidaamaa fi Tigraayitti hojiirra kan oolu ta’a.

Sagantichis har’a magaalaa Finfinneetti bakka hoggansi koomiishinichaa, Ityoophiyaatti Ambaasaaddarri Jaappaan Maatisunaagaa Diyaasuuk, Ityoophiyaatti daayreektarri Sagantaa Nyaata Addunyaa Isteev Weer Omamoosayid argamanitti ifoomera.

Sagantichi qamadii meetriik toonii 72,440 Jaappaanii bitee geejibsiiset dhiyeessa.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.