Fana: At a Speed of Life!

Jaappaan Ityoophiyaaf deeggarsa Doolaara miiliyoona 4 laatte

Finfinnee, Waxabajjii 22, 2012 (FBC) – Mootummaan Jaappaan, Ityoophiyaan dhiibbaa weerarri vaayrasii koroonaa qaqqabsisu ittisuuf tattaaffii taasiftuuf deeggarsa Doolaara Ameerikaa miiliyoona 4 taasiste.

Dhaabbanni Deeggarsa Daa’immanii Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii (UNICEF) deeggarsi taasifame weerara vaayrasii koroonaa ittisuuf hojii hojjetamu deeggaruuf oola jedheera.

Dabalataan dandeettii ogeessota fayyaa kuma 8 ta’an ijaaruu fi lammiilee miiliyoona 2 ta’aniif ammoo vaayrasicharratti hubannoo keennufis ni tumsa jedhameera.

Deeggarsichi weerara vaayrasii koroonaa ittisuuf ittisa infeekshinii, meeshaalee qulqulliina garaagaraa fi hubannoo uumuufis ni gargaara jedhameera.

Ityoophiyaatti bakka bu’aan dhaabbaticha Adeel Koodaar,  deeggarsi Jaappaan irraa argame yeroo barbaachisaatti jedhaniiru.

Mootummaan ammoo deeggarsichi dhiibbaa weerara COVID-19 daa’immanii fi maatii irratti uumamu hambisuuf kan gargaarudha jedheera.

Deeggarsichi Ityoophiyaatti daa’immanii fi dubartoota kuma 750f bishaan dhugaatii qulqulluu waliin ga’uuf  shoora olaanaa qaba jedhaniiru.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.