Fana: At a Speed of Life!

Jaappaan magaalaa Tookiyootti labsii yeroo ariifachiisaa labsite

Finfinnee, Adooleessa 1, 2013 (FBC) – Jaappaan wayita Olompikii gaggeessuuf jala bultiirra jirtuutti magaalaa Tookiyootti labsii yeroo ariifachiisaa labsiteerti.
Olompiika Tookiyoo bara 2020 sababa weerara vaayrasii koronaatiin bara kanatti darbe adeemsisuuf wayita keessummoota simachuuf qophooftetti weerarichi hammaachuu isaatiin labsiin yeroo ariifachiisaa labsiteerti.
Labsiin magaalaa guddoo biyyattii Tookiyootti labsame hanga dorgomiiwwan Olompiikii xumuramanitti itti fufa jedhameera.
Muummeen Ministiraa Muummee biyyattii Yoshiihiidee Suugaa miidiyaaleetti akka himanitti labsiin kun Adoolessa 12- Hagayya 22 hojiirra oola jedhan.
Manneen dhugaatiifi nyaataa dhugaatii alkoolii akka hin gurgurre dhorka, sa’aa lamattis akka cufaman ajeja jedhameera.
yeroo dhiyoo as weerarri vaayrasichaa Tookiyoottii kan hammaate yoo ta’u, qaamoleen hedduun dorgommiin kun ammas yeroo biraatti akka darbu yookan ammmoo akka haqamu gaafachaa jiraachuu ibsameera.
Maddi:-BBC fi Al Jazeera
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.