Fana: At a Speed of Life!

Jaappaanitti masjiidni socho’aan hojjetame

Finfinnee, Amaajjii 29, 2012 (FBC) – Jaappaanitti konkolaataa fe’umsaa guddaarraa masjiinni hojjetameera.

Masjiidni socho’aa jedhamee waamamu kun baldhina iskuweer meetirii 48 yoo ta’u, ulaan duuba konkolaaticha kutaa kadhannaati.

Masjiinni socho’aan kun Musliimota olompiikii addunyaa Tookiyootti bara Faranjootaa 2020 kana keessa gaggeeffamu irratti hirmaattotaaf iddoo salaataa qulqulluu fi nageenyisaa eegame dhiyeessuuf ni gargaara.

Jaappaan keessa masjiidota 105 jira; yaata’uutii walirraa hiixuu fi magaalichaan ala jiraachuu isaanitiin masjiidni socho’aan kun dhiyeenyatti hojjetamuun barbaachiseera.

Tookiyoon hirmaattota dorgommichaatif wantoota barbaachisoo dhiyeessuuf hojjechaa jiraachuu beeksisteetti.

Maddi:- VOA fi Rooyitars

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.