Fana: At a Speed of Life!

Jarman Ityoophiyaa waliin dhimmoota garaagaraarratti walta’iinsa Ityoophiyaa waliin qabdu cimsitee akka itti fuftu ibsite

Finfinnee, Caamsaa 30, 2015 (FBC)- Ministir Deetaan Ministeera Haqaa Alamantee Aggidawu Ministiraa Walta’iinsaa Diingdee fi Misoomaa Jarman Yo’akiin Filaasbaarzi waliin mari’ataniiru.

Obbo Alamantee fi Yo’akiin Filaasbaarzi dabalatee Ityoophiyaatti Ambaasaaddarri Jarman Isteefan Awur marii taasisaniin sadarkaa sochiin qophii imaammata ce’umsa haqaa biyyaalessaa irra jiru kaasaniiru.

Dabalataan walta’iinsa mootummaan Jarmaniin gaggeeffamaa jiruufi fuulduratti dameewwan waloon hojjetan irratti mari’achuun eerameera.

Yo’akiin Filaasbarzi akka ibsanitti, Jarman wayita walitti bu’iinsaattis ta’e dhimmoota garaagaraarratti tumsa taasisaa turuu kaasaniiru.

Mootummaan Jarmanis dhimmoota garaagaraarrratti walta’iinsa taasisu cimsee kan itti fufu ta’uu himaniiru.

Gama kanaanis deeggarsa Koomishinii Mirga Namoomaa fi Boordii Filannoo Biyyaalessaaf taasisanitti dabalataan adeemsa diimokiraasii fi ce’umsa haqaaf walta’iinsa Yuuroo miiliyoona 10 taasisuuf murteessuu ragaan ministeericharraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.