Fana: At a Speed of Life!

Jarman, Ityoophiyaadhaf deeggarsa Birrii biiliyoona 4.3 ifoomsite

Finfinnee, Eebila 22, 2012 (FBC) – Jarman Ityoophiyaadhaf deeggarsa Yuuroo miiliyoona dhibba 1 fi miiliyoona 20 ifoomsite.
 
Deeggarsi Yuuroo miiliyoona dhibba 1 fi miiliyoona 20 ( Birrii biiliyoona 4.3) kun diinagdee Ityoophiyaa deeggaruuf kan ooludha.
 
Ministirri Ministeera Tumsa Diinagdee fi Misoomaa Jarman Geerd Muular deeggarsicha ifoomsaniiru.
 
Muummee ministiraa FDRI Dooktar Abiy Ahimad waliin marii taasisaniinis, biyyi isaanii Jarman yeroo rakkinaa fi weerarri vaayrasii koroonaa sodaa addunyaa ta’ee jirutti michummaa fi tumsi Ityoophiyaa waliin qabdu cimee kan itti fuftu ta’uu ibsaniiru.
 
Deeggarsi taasifames dhiibbaa weerara vaayrasichaatin diinagdeerratti uumamuu malu hir’isuuf kan gargaarudha.
 
Diinagdee maakroo tasgabbeessuu, carraa hojii damee huccuu gargaaruu, Dhaabbata Fayyaa Addunyaa waliin ta’uudhan dhiyeessii meeshaalee yaalaarratti hojjechuuf kan ooludha.
 
Tumsi taasifame qaama deeggarsa fooyyessa diinagdee Jarman Ityoophiyaadhaf Muddee darbe waadaa galteeti.
n eegalte deeggaruuf kan ooludha.
 
 
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
 
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.