Fana: At a Speed of Life!

Jarman Talaallii Covid-19 Doozii kuma 271 Ityoophiyaaf deeggarsa taasiifte

Finfinnee, Fulbaana 7, 2014 (FBC) – Mootummaan Jarman Talaallii Covid-19 Astiraazeenikaa Doozii kuma dhibba 2 fi kuma 71 fi 200 fi haguuggii fuulaa kuma dhibba 9 Ityoophiyaaf deeggarsa taasiseera.

Ityoophiyaatti itti aanaan Ambaasaaddara Jarman Heeyikoo Niishikeen deeggarsicha Ministira Ministeera Fayyaa Dooktar Liyaa Taaddasaaf laataniiru.

Deeggarsa dhaabbileen deeggartootaa idil addunyaa taasiisaa jiran dabalataan baasii mootummaan talaalliin bitamuun hawaasa bal’aaf talaalliin laatamaa jiraachuu Dooktar Liyaan dubbataniiru.

Deeggarsi mootummaan Jarman taasiise kun namoota talaallii Astiraazeenikaa marsaa jalqabaa fudhaniif marsaa 2ffaa laachuuf kan gargaaru ta’uu himaniiru.

Hanga ammaatti lammiilee miiliyoonni 2.4 ol talaallii Covid 19 fudhachuu eeraniiru.

Dhaabbilee deeggartootaarra Dooziin miiliyoonni Doozii 3 argamuu kaasaaniiru.

Maddi:- TOI

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.